ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Turtii bara aangoo isaa dheereffachuu fi dheebuu aangoo qabuuf jecha impaayera bututtuu Minilik suphuuf loltoota isaa yeroo gara yerootti hawaasa nagaatti kan bobbaasu murni nama nyaataan abbaa irree bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti guyyaa guyyaan jiraattota irratti miidhaa garaa garaa raawwachuu itti fufee jira.
Ergamtoonni sirna nama nyaataa addatti uummata Oromoo dararuuf kan bobbaafaman Onkoloolessa 12, 2024 irraa eegaluun godina Buunnoo Beddellee aanaa Dhidheessaa Magaalaa Calloo jedhamu keessaa namoota nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabnee fi Doqdoqqee oofuun of jireessan kanneen baay’inni isaanii dhibba lamaa ol (200) ta’an jalaa Doqdoqqee qabuun hojii dhorkanii yeroo ammaa nama tokko irraa qarshii kuma shan (5000) fudhatanii gadi lakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maddeen keenya itti dabaluun, torban darbe keessa poolisiin magaalichaa tokko namni maqaan isaa Lachiisaa Fayisaa jedhamu konkolaachistoota Doqdoqqee saamuuf jecha osoo waliin fiiguu kufee yoo cabu, yeroo ammaa kana yaala fayyaaf godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee Hospitaala Riiferaala magaalaa Naqamteetti yaalamaa jiraachuu dubbatu.

