ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Chaansilarri Jarman Olaaf Iskoolz Roobii kaleessaa Israa’eliif deeggarsa waraanaa itti fufiinsa qabu waadaa galaniiru.
Paarlaamaa Jarmanitti miseensota mana maree ta’aniif haasawa taasisaniin, Iskoolz waldhabdee kanaaf Hamas komachuun, Jarmaniin Israa’el waliin tumsa agarsiisuu itti fufti, Israa’el haala ofirraa ittisuu danda’u keessa akka jirtu mirkaneessuuf meeshaa waraanaa dabarsuu ishee itti fufti jedhan.
Yaadni isaa kun kan kenname erga miidiyaaleen biyya keessaa Jarmaniin meeshaa waraanaa Jarmanii “duguuggaa sanyii” keessatti akka hin fayyadamne mootummaa Israa’el irraa mirkaneessa erga argatte booda, torban darbe gara Israa’elitti meeshaa waraanaa erguu ishee deebiftee akka jalqabde gabaasaniin booda.
Jarman michuu cimtuu Israa’el kan turte yoo ta’u, qondaaltonni mootummaa irra deddeebiin biyyattiin nageenya Israa’eliif itti gaafatamummaa addaa kan qabdu ta’uu ibsaniiru.
Garuu qeeqxonni akka jedhanitti, Jarmaniin mootummaa Muummicha Ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun durfamuuf deeggarsa guutuu taasiftu, biyya alaa keessatti amanamummaa ishee haalaan kan miidhu yoo ta’u, Barliin waltajjii addunyaa irratti adda of baasuun ishee dabalaa dhufeera jechuun BBC’n gabaaseera.

