Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaa naannoo Kibbaa Aanaa Xambaaroo fi Daawuroo keessatti busaan namoota fixaa jiraachuun barame

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024 

Murni Bilxiginnaa erga aangootti dhufee kaasee waa’ee lolaa ni barbadeessinaa, boojineerraa, funaanaa jirraa, diinota seenaa keenyaa fi baandaa jechuun miidiyaalee isaan labsaa misooma fakkeessii uummata agabuu buluu fi dhukkubsatutti agarsiisuun bu’aa siyaasaa irraa argachuuf tattaafachuu malee rakkoo hawaasaa gama hundaan xiyyeeffannoo keessa galchee hin beeku.

Yeroo waraanaaf qofa qabeenyi fi humni impaayerattii diriiree jiru kana keessatti hawaasni impaayerattii guutummaatti rakkoon hawaasdinagdee isaa dagatamee dararaa argaa jiru.

Keessaayyuu Kibbi impaayerattii maqaa gaaffii siyaasaa keessaniif deebii isiniif laanne jechuun erga mootummaa naannoolee adda addaatti ciccitanii dhiyeessiin ga’aan qoodamuufii dhabuu, maallaqni ga’aan ramadamuufii hanqachuu fi xiyyeeffannoon gama tajaajila hawaasaa guutuuf qaama olii irraa kennamu laafaa ta’uu irraan kan ka’e hawaasni mootummaa naannoo kibbaa rakkoo gama hundaa keessa galee jira.

Naannicha keessaa godinni Walaayittaa Sooddoo aanaan Ximbaaroo fi Daawuroo rakkoo fayyaa gama busaan mudateen dararaa argaa jru.

Baatii ganna darbee eegaluun hanga jalqaba baatii birraa kanaatti aanaa Ximbaaroo fi Daawuroo keessatti weerarri dhukkuba busaa ka’uun uummata ajjeesaa fi fayyaa dhabsiisuun hospitaala adda addaa keessatti rakkachaa jiru.

Hospitaala magaalaa Walaayittaa keessatti argamuu fi aanaalee godinichaa biroo keessatti dhukkubsattootni dhibee busaa baay’inaan dhufaa jiraachuu maddeen godinichaa himuun guyyaatti namootni 5 hanga 10 ta’an lubbuu dhabaa jiraachuu kaasu.

Diroonii, taankii, qawwee fi loltoota lolaaf bobbaasuu qofa miidiyaa irraa kan dubbatu Bilxiginnaan rakkoo fayyaa gama dhibee busaan godina Walaayittaa keessatti mudateef xiyyeeffannoo kennaa akka hin jirre kan nuuf himan maddeen, xiyyeeffannoon dhabamuu isaatiin lubbuun qaaliin hedduu badee jiraachuu himu.

Hospitaalotaa fi buufata fayyaa keessa hanqinni qoricha Busaa jiraachuu fi xiyyeeffannoon qulqullina naannoo eeguu irratti jirus gadi aanaa ta’uu kaasuun dhibeen kana caalaa lubbuu namootaa galaafachuuf akka deemu ibsan.

Yeroo tokko paarlaamaa irratti mataan Bilxiginnaa Abiy Ahimed rakkoo baajetaa mootummoota naannolee Kibba impaayerattii yeroo gaafatan naannoo, godinaa fi aanaa taana jedhu, sana booda konkolaataa koobiraa jedhu, sababa kanaan baajetni wal hin ga’u jechuun gaaffii rakkoo baajetni madaalawwaan ramadamuufii dhabuu dhiisee aarii fi sodaachisaan deebii kennee turuun ni yaadatama.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ibsutti, bara 2022’tti Itiyoophiyaatti namoonni miiliyoona 5.1 dhibee busaan kan miidhaman yoo ta’u, namoonni gara miliyoona 75 ta’an dhibee kanaan qabamuuf saaxilamaniiru jedhee ture.

Exit mobile version