Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yeroo itti dhukkubni daddarbaa fi hiyyummaan impaayera Itiyoophiyaa keessatti babal’achaa jirutti liqii maallaqaa doolaara 738.2 Sudaan Kibbaaf liqeessina jechuun bu’aa  siyaasaa isaaniif murtii kana dabarsuun namoota dubbachiisaa jira

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024 Manni maree bakka bu’oota uummataa wal-ga’ii idilee 4’ffaa kaleessa Sadaasa  5, 2024 geggeesseen waliigaltee maallaqaa doolaara 738.2 Sudaan Kibbaaf liqeessuuf mootummaa Sudaan Kibbaa fi Itiyoophiyaa gidduutti mallattaa’uun raggaasifameera.

Sababni liqii kanaa maqaa daandii Sudaan Kibbaa fi Itiyoophiyaa wal quunnamsiisi jedhu yoo ta’u liqiin kunis waggaa 10 keessatti kan deebi’u ta’uus manni maree kun beeksise.

Impaayerri Itiyoophiyaa  yeroo ammaa  dinagdeen impaayerattii kufuun kisaaraa hamaa keessa galtee yeroo jirtutti murni dantaa sabaa hin qabne biyya ollaaf liqii liqeessuun isaa  dantaa siyaasaa isaa fi abjuu badhaadhina isaanii fakkeessuuf kan hojjetan ta’uu namootni tokko tokko barruu Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin ibsaniiru.

Yeroo ammaa Oromiyaa dabalatee kutaalee impaayerattii tokko tokko keessatti bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, ibsaa, bishaanii fi fayyaan  uummanni rakkoo guddaa keessa akka jirus himan. 

Iddoowwan tokko tokkotti balaa hongee fi uumamaan uummanni waan nyaatuu fi uffatu akkasumas dawoo dhabuun osoo du’aa jiruu, isa bira dhaabbachuu hanqachuun maqaa guddanneerra jedhuun ittiin biyyootaa fi dhaabbilee siyaasaan isin  maal hojjettan jechuun doorsisuuf akka ta’e dubbatamaa jira.

Gama daandiin yoo illaalle daandiilee hedduun gandaa kaasee hanga godinaatti haaraa hojjetamuu mitii suphuuyyuu dhibuun uummanni sa’a 6 fi isaa ol karaa dheeraa deemaa akka jiran kan beekamuudha.

Maallaqni liqiif kenname kun yeroo itti Mootummaan Naannoo Giddu Galeessa Itioophiyaatti miindaan barsiisotaaf kennamu dhabamee pirojektiileen dhaabbatanii akka kaffalamu kallattiin kaa’ametti ta’uun hojiin isaanii kun osoo hin jirre jiraachuuf carraaqqii taasisuudha kan jedhan hedduu dha.

Qoricha gahaa buufatoonni fayyaa dhabuun namuu dhibeen miidhamaa jiraachuu fi dhaabbilee olaanoon  biyyattii baajeta gahaa dhabuun rakkoo guddaan mudatee bakka jirutti, akkasumas institiyuutii fayyaa hawaasaan weerara dhukkuba busaa torbanitti namoota 400,000 miidhaa jiruuf doolaara miliyoona 400,000 akka barbaadu bakka himamaa jirutti hojiin Bilxiginnaan hojjetu of agarsiisa jedhu.

Akka fakkeenyaatti Yuunivarsiitii Wallaggaatti erga waggootta jahan Abiy Ahimed aangootti dhufee kaasee xiyyeeffannoon baruu fi barsiisuu gadi  aanaa ta’uun, mooricha keessa daandii Koobil Istoonii bara 2021 keessa gara daandii cirracha  gurraachaatti jijjiirra jedhuun diiganii turan.

Haa ta’u  malee hanga har’aatti sababa hanqina baajeetaan  ijaarsichi dhaabbachuun barattoonni fi hojjettoonni moorichaa bona dhukkee fi ganna ammoo dhoqqeen rakkachaa jiraachuun kan nama falmisiisu miti.

Ijaarsi moorichaa yeroof dhaabbatee akka jiru, kana malees hanqinni nyaataa fi qorichaas mooricha keessatti mul’achuun dhibeen  barattootaa fi barsiisota hubaa jiraachuu kanaan dura siniif gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.

Exit mobile version