Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lammiileen Sudaan Kibbaa wal waraansa biyyattii keessatti eegale dheessan daangaa Itiyoophiyaa karaa Gambeelaa jiru keessatti ittifamuun rakkachaa yoo jiran, magaalaa miidhaan lola daangaa irra jiruun mudate madoon gara hospitaala Gambeelaatti dhufaa jiraachuun barame 

ONM-ABO Eebla 2, 2025 

Abiy Ahimed Impaayera Itiyoophiyaa keessatti erga aangootti dhufee kaasee Itiyoophiyaa dabalatee ollootni ishee nagaa dhabuun raafama siyaasaa fi waraanaa keessa seenuun lammiileen isaanii balaaf akka saaxilaman taasisaa jira.

Sudaan Kibbaas biyyoota gaanfa Afrikaatti jeequmsi baatii Bitootessa 2025 keessa deebi’ee dhalate yoo ta’u, wal waraansa uumameenis loltootni wal ajjeesaa fi namootni nagaan qe’ee isaanii irraa da’annoo barbaachuuf akka godaanan taasisee jira.

Erga itti aanaa Pirezidaantii jalqabaa Dr. Riik Maacharii hidhaa mana keessaa jala akka turan Pirezidaantiin Sudaan Saalvaa Keer ajajanii booda biyyattiin raafama guddaa keessa kan seente yoo ta’u, jiraattootni biyyattii gama Bahaa jiran gara daangaa Itiyoophiyaatti darbanii jiru.

Lammiileen Sudaan gama Lixa Itiyoophiyaa Mootummaa Naannoo Gambeelaa aanaa Fagaag seenan yeroo ammaa waraana Itiyoophiyaan achitti ittifamanii rakkachaa jiru.

Lammiileen Sudaan kibbaa lola kana sodaatanii Itiyoophiyaa seenan kun 30,000’tti tilmaamamu kan jedhan maddeen, Bilxiginnaan finciltootaa Gambeelaatu walitti nutti seena jechuun sakatta’iinsa cimaa irratti gochaa jira. 

Haa ta’u malee hidhattootni Gambeelaa ifatti Bilxiginnaa karaa sana lolaa jiru kan adda hin baane yoo ta’u, kanneen maqaa Murulleen socho’an garuu yeroo yerootti naannichatti seenuun namoota ajjeesuun manneen gubanii, qabeenya kanneen akka loonii fi daa’imman saamanii deemaa turan.

Kun kanaan osoo jiruu lola daangaa irratti waraanni mootummaa Sudaan Kibbaa fi hidhattootni walitti dhufeenya Riik Maachar waliin qaban lola geggeessaa jiraniin madoon mudate hospitaalota magaalota akka Fagaag fi Itaang wal ga’uu dadhabuun gara hospitaala magaalaa Gambeelaa keessa jirutti guuramaa jiraachuu odeessi magaalattii irraa arganneen ni addeessa.

Abiy tarsiimoo waraanaa isaa wal waraansa Sudaan keessatti jeneraala milishoota Jaanjawud Mahaammad Hamdan Dagaloo deggeruun geggeessaa ture keessatti injifatamuun yeroo isaa fi warra isa ergatan Yuunaayitid Arab Imireets erga quunnamee booda gama Sudaan Kibbaa karoora isaanii cinaa dhaabbachiisaa turan keessatti jeequmsa dhalchuun dantaa isaaf hojjechaa kan jiru yoo ta’u torbanoota lamaan darban xiyyaara waraanaan meeshaalee adda addaa tumsa kanaaf gara magaalaa Gambeelaatti buusaa tureera.

Buqqaatotni Sudaan Kibbaa kanaan dura Itiyoophiyaa keessa turan sababa USAID gargaarsa adda kuteef rakkachaa kan jiran yoo ta’u, haaraan kan itti dabalamu yoo ta’e rakkoon kun daran hammachuu akka danda’u hojjettootni dhaabbilee NGO sababa gargaarsi citeef hojii dhaabanii taa’anii jiran muuxannoo qaban irraa yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodanii jiru.

Exit mobile version