Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

UNIFIL Israa’el ‘itti yaaddee’ haleellaa hedduu raawwattus Libaanos keessa turuuf dhaadateera

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024 

Dubbi himaan ergama nagaa eegsisuu UNIFIL Mootummoota Gamtoomanii Jimaata kaleessa akka jedhanitti, guyyoota darban keessa humnoonni Israa’el kallattiin haleellaa hedduu raawwatamanis, ergamni namoota 10,000 of keessaa qabu kun Libaanos keessa akka turu himaniiru.

“Hafuu qabna, akka sochoonu nu gaafatan,” jedhan dubbi himaan UNIFIL Andiree Teeneetiin Beerut irraa viidiyoo liinkiitiin.

“Gandoota hedduu Sarara Biluu irratti, fi sanaa ol illee, barbadaa’uun nama rifachiisa,” jechuun sarara kaartaan UN irratti kaa’amee Libaanosiin Israa’el irraa adda baasuu fi Gaarri Golaan Israa’eliin qabamuu eeruun dubbataniiru.

Waa’ee Kamisa darbe qarqara galaanaa Libaanositti naannoo doonii isheetti dirooniin kuffifamuu isaa gaafatamanii, “Dirooniin kun kibba irraa dhufaa ture garuu doonii sana keessa naanna’aa turee fi baay’ee baay’ee itti dhihaachaa ture, akkasumas doonii irraa meetira muraasa fagaachaa ture” jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version