Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Masriin carraaqqii waggoota 100 booda dhukkuba busaa irraa bilisa ta’uu labsite

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024 

Masriin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)n dhukkuba busaa irraa bilisa ta’uun ishee erga mirkanaa’een booda bu’aan kun dhaabbati fayyaa hawaasaa UN ”dhuguma seena qabeessa” jechuun jajate.

”Dhukkubni busaa akkuma qaroomina Masrii mataa isaa dulloomeera, garuu dhibeen fara’oonota dhiphisaa ture amma kan seenaa ta’eera,” jedhan hogganaan WHO Teediroos Adihaanoom.

Aangawoonni Masrii dhukkuba daddarbaa hoomaa ilbiisaan daddarbu kana gara waggoota 100f tattaaffii dursaa jalqaban.

Mirkaneessi kan kennamu biyyi tokko yoo xiqqaate waggoota sadan darbaniif walitti aansuun caasaan dabarsuu addaan cituu isaa yoo mirkaneessiteedha. 

Dhukkubni busaa waggaatti yoo xiqqaate namoota kuma 600 kan ajjeesu yoo ta’u, hundi isaanii jechuun ni danda’ama Afrikaa keessatti.

WHOn ibsa Dilbata kaleessaa kenneen, ”mootummaa fi ummanni Masrii” ”dhukkuba durii kaasee biyyattii keessatti mul’ate dhabamsiisuuf” tattaaffii godhan jajateera.

Masriin Yunaayitid Arab Emireetotaa fi Morookootti aantee, naannoo WHO’n Baha Meditiraaniyaanii keessatti mirkaneesse sadarkaa sadaffaa ta’uu   BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version