Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa xiyyoo keessatti mootummaan masgiida tokko saamuun dhagaa’ame

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Akka heera impaayera Itiyoophiyaatti mootummaan dhimma amantaa keessa amantaanis dhimma mootummaa keessa  galuu akka  hin dandeenye lafa kaa’us, Impaayerattiin heeruma ittiin taliigamtu irra tarkaanfachuun waan yaadaa fi fedhii isaanii daangaa tokko malee dhimma amantaa keessa seenuun dhorkaa kaa’aa oolu.

Murni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa sirna ittiin bulmaataa kan hin eegnee fi fedhii Abiy Ahimed qofa guutuuf tattaafatu uummatni amantaa fedhe hordofuu osoo danda’uu akkasumas mootummaan amantaa kamuu keessa akka hin seenne beekamus heeraa fi hojimaata cabsuun waraana uummata nagaatti bobbaasee afaan qawween amaantaa irraa dhorkaa kaa’aa jira. 

Haaluma kanaan Onkoloolessa 25, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo ganda Solee Waaliyee iddoo addaa  Leenca jedhamtu keessatti waraanni Bilxiginnaa masgiida akka namni tokko seenee hin saganne jedhee masgiida saamsuun ummanni guyyaa juma’an masgiida irraa dhorkamee mana isaa keessatti sagadaa turuu jiraattoonni naannichaa dubbataniiru.

Murni Bilxiginnaa erga aangootti dhufee boris bataskaanni, waldaa fi masjiidni gubachuun itti fufu erga jedheen booda naannoo Amaaraa keessatti miidhaan masjiida irra ga’ee kan ture yoo ta’u, wal dhibdee mana amantaa Ortodoksii keessatti dhalcheen hanga ammaa sinoodosiin Ortodoksii Itiyoophiyaa raafamaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version