Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa  Jaarsootti shamarree tokkorra waraanni faashistii PP konkolaataa baasuun ajjeesan

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Waraanni garboomfataan PP duguugiinsa sanyii raawwachuuf kutatanii ka’an ijibbaata isaa xumuraa eegaluun hawaasa Oromoo kiyyoo jal’inaa isaanii keessa galfachuuf adeemsa gufataa adda addaan lubbuu lammiilee daandii gubbaatti dhangalaasuu cimsanii itti fufaniiru.

Gochoota wal fakkaataa godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo fi Jaarsootti raawwateen namoonni lama konkolaataa waraanni garboomfataan PP imalchiisuun lubbuu kan dhaban ogguu ta’u, maanguddoon tokko ona Gullisoo bulchiinsa magaalaa Gullisoo keessatti konkolaataa humnoonni waraana koloneel Abiy Ahimed irra baasaniin lubbuun darbuu gabaasnee akkuma turre, Onkoloolessa 25, 2024 ammoo Lixuma Wallaggaa aanaa Jaarsootti shamarreen tokko lubbuun ishee balaa wal fakkaataan darbeera.

Aanaa Jaarsoo Gabaa Dafinoo keessatti Onkoloolessa 25, 2024 waraanni maafiyaan PP koloneel Abiy Ahimediin durfamu uummata Oromoo irratti sirna duguuggaa sanyii (GENOCIDE) akka raawwataniif ergama fudhatanii bobba’an baadiyyaatti afaan qawweetiin ajjeesaa, magaalaa keessatti immoo konkolaataan adamsuun ilmaan Oromoo lubbuu obbaasuu eegaluun guyyaa sana sa’a 11:40’tti barattuu kutaa 9’ffaa jiraattuu magaalaa Jaarsoo ganda  01 kan taate Marartuu Malkaamuu Ragga’aa kan jedhamtu irratti yakka namoomaa raawwaachuun konkolaataa 3F itti qabanii karaa irratti irra baasanii ajjeesanii deeman.

Taatee guyyaa guyyaan loltoonni gara jabeeyyii fi naamusa waraanummaa hin qabne kanneeniin  hawaasa nagaa irratti raawwatamu kun egeree sabichaaf yaaddoo jabaa ta’uu jiraattonni magaalaa Jaarsoo ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version