ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024
Yeroo adda addaatti daangaa qaxxaamuranii Oromiyaa seenuun qonnaan bultoota Oromoo haala suukkanneessaan ajjeesaa, madeessaa, saamaa akkasumas qe’ee fi qabeenya isaa ibiddaan jalaa barbadeessaa kan jiran finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman, godinaalee Oromiyaa kanneen akka: Baha Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Kaaba Shaggar, Baha Shaggar fi Walloo keessatti duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Haroo Limmuu ganda Lalii jedhamu keessaa Onkoloolessa 28, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa obboleeyyan lama haadha isaanii dabalatee kanneen maqaan isaanii:
- Xuruu Moosisaa,
- Jiraataa Moosisaa fi haadha isaanii
- Aadde Shittaayee Fayisaa jedhamtu mana isaanii keessatti rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, Abbaa ijoollee ishee Obbo Moosisaa Gammadaa ammoo madeessuun yeroo ammaa kana osoo reeffa maatii isaallee hin awwaallatin Hospitaala Angar Guuteetti yaalamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Duula duguuggaa isaanii ittuma fufuun, guyyuma kana gandicha keessaa dubartii maqaan ishee Aadde Abbaluu Dhufeeraa jedhamtu mana jireenyaa ishee keessatti rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een battalatti yoo ajjeesan, namoota lama kan maqaan isaanii adda hin baane ammoo madeessuun yeroo ammaa kana mana yaalaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Godinichatti namni hidhattoota Amaaraa kana quunnamuun uummata nagaa ficcisiisaa jiru kaabinee Bilxiginnaa Bulchaa Magaalaa Andoodee kan ta’e nama maqaan isaa Kabbadee Galataa jedhamu ta’uun barameera.

