Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti finxaaleeyyiin Amaaraa qabeenya uummata Oromoo saamuu hammeessan

ONM-ABO Waxabajji 3, 2025 

Gareen hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waamanii fi kaayyoo diinummaa qabatanii socho’an yeroo adda addaatti deggersa murna Bilxiginnaan daangaa Oromiyaa seenuun ilmaan Oromoo irratti miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.

Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Waastii jedhamu keessatti Caamsaa 30, 2025 hidhattoonni Amaaraa kunneen qonnaan bultoota Oromoo kanneen maqaan isaanii:

  1. Dhugumaa Alamuu jalaa horii 40,
  2. Warqinaa Galataa jalaa horii 55 

saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Hidhattoonni Amaaraa kunneen babal’ifannaa lafaa fi eenyummaa Oromoo balleessuuf jecha kaayyoo abbaa isaanii Minilikiin qabatanii socho’uun godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiran ta’uu jiraattonni dubbisne itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version