Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee hunda keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024 

Gama danda’an maraan uummata Oromoo cabsuuf halkaniif guyyaa kan dhama’an ergamtoonni Bilxiginnaa, yeroo adda addaatti maqaa gosa kaffaltii garaa garaa itti dha’uun dinagdeen isaa quucaree namummaan akka boquu isaa ol hin qabanneef saamicha hamaa ta’e irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee hundatti ergamtoonni Bilxginnaa dirqamaan uummata magaalaa fi baadiyyaa naannoo manni milishaaa fi manni gandaa ijaaramee jiru cina kanneen jiraatan seensa mooraa isaanii irratti ampuuliidhaan ibsaa hin ibsine qarshii dhibba 500 kaffaltu jechuun dirqamaan hundi namaa balbala isaatti akka ibsaa bobeessu gochuun hawaasni doorsifamaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Dabalataan baadiyyaattis ta’e magaalaatti uummanni hundi dirqiin eegumsa halkanii milishaa waliin bulaa kan jiran yoo ta’u, kan hafe ammoo qarshii dhibba 500 adabamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version