ONM-ABO Sadaasa 1, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu Zoonii Giddu Galeessaa keessatti jabeessee jira.
Haaluma kanaan har’a ganama Sadaasa 1, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Wucaalee ganda Boolee Bachoo bakka addaa Koyiittiitti tarkaanfii laalessaa waraana maafi’aa PP Isuzu 1 fi paatiroolii 1n fiigdu irratti fudhateen rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessee boombii itti dhoosuun daaraa yoo taasisuun konkolaattota lamaanuu gubee barbadeesseera.
Jajjabeen WBO Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii fudhachuu itti fufuun guyyuma har’aa ganama haleellaa mooraa waraana garboomfataa Bilxiginnaa magaalaa Kaarraa irratti fudhateen loltoota ishee hedduu du’aa fi madoon adabuun gariinis booji’eera.
Tarkaanfii kanaanis qawwee, Bireenaa fi meeshaalee adda addaa dugda diinaa irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasiseera.
Qondaaltotni Bilxiginnaa WBO baatii 2 fi 3 gidduutti ni balleessina, humna lolu irra jiru jechuun sobaan dhaadatanis WBOn irree gootummaa isaa itti agarsiisaa jira.
Dilbata darbes godinuma Kaaba Shaggar aanaalee 3 keessatti haleellaa irratti fudhateen loltoota 296 ajjeesuun 327 madeessee 100 harkaan qabuun Dishqaa 2 dabalatee meeshaalee hedduu irraa hiikuun ni yaadatama.
Guutuu gabaasaa fi ragaalee akkaataa nu qaqqabeen isin biraan geenya.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

