Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Baha Aanaa Martii keessatti PP’n qeerroo tokko rasaasaan rukutuu fi namoota jumlaan mana hidhaatti guuruun hammaate

ONM-ABO Sadaasa 2, 2024 

Murni abbaa irree uummata nagaa badii tokko malee maqaa WBO wajjin hariiroo qabdu jedhuun hawaasa harka duwwaatti waraana bobbaasuun halkanii fi guyyaa rasaasa itti dhukaasuun mana isaanii jiraachuu dhowwanii adamsuu akkasumas qabeenya isaanii saamuun kutaalee Oromiyaa hunda keessatti  hiraarsaa jira. 

Onkoloolessa 30, 2024 aanaa Martii ganda Hoombaa keessatti qeerroo maqaan isaa Saafanoo Kaliiloo jedhamu mana isaatii baasuun rasaasaan iddoo sadii rukutuun manni yaalaa magaalaa aanaa dadhabee yeroo ammaa kanatti magaalaa adaamaa keessatti yaalamaa jira.

Abbaa isaa Kaliiloo Hasanoo kan jedhamu immoo reebicha hamaa irraan ga’uun qaama isaa hunda caccabsanii mana yaalaas dhaquu dhowwanii mana isaa keessa ciisaa jiraachuu isaa jiraattoonni naannichaa ibsaniiru. 

Haaluma wal-fakkaatuun ganduma kana keessatti namoota rasaasa itti dhukaasuun mana isaanii keessatti ukkaamsanii konkolaataa tokko guutuu mana hidhaatti guuruun reebaa jiraachuu jiraattonni dabalataan ibsaniiru.

Exit mobile version