ONM-ABO Sadaasa 2, 2024
Gareen saamichaaf bobbaafame waraanni Bilxiginnaa uummata Oromoo dinagdeen dadhabsiisuuf guyyaa guyyaatti xiyyeeffannoon gandoota baadiyyaa Oromiyaa maratti bobbafamanii jiraachuun halkanii fi guyyaa qe’ee ilmaan Oromoo kan saamaa jiran yoo ta’u, kan dadhaban ammoo gubanii barbadeessuu kan duriirra daran cimsanii itti fufani jiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu-Kaarraa ganda Igguu Bochii jedhamutti Onkololessa 31, 2024 bobba’uun saamicha daangaa darbe raawwachaa kan oolan yoo ta’u:
- Obbo Taaddasaa Mokkonnon jalaa loon 13,
- Dargaggoo Falmataa Girmaa jalaa loon lama,
- Obbo Eebbisaa Dabalaa jalaa loon 3,
- Dargaggoo Ayyaanaa Mokkonnon jalaa loon lama,
- Obbo Beekamaa Baayyataa jalaa loon 5 saamanii deemuu maddeen ifoomsan.
Humni saamichaaf bobba’e Kun loowwan uummataa offatanii deeman kana malee qabeenya mana keessaa saamaa turuun, kaan ammoo caccabsuun jireenya uummataatti goolumsa guddaa kaasanii jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

