• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti saamichi waraana sirna PP’n uummata nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufee jiraachuun beekame

Nov 4, 2024

ONM-ABO Sadaasa 2, 2024 

Gareen saamichaaf bobbaafame waraanni Bilxiginnaa uummata Oromoo dinagdeen dadhabsiisuuf guyyaa guyyaatti xiyyeeffannoon gandoota baadiyyaa Oromiyaa maratti bobbafamanii jiraachuun halkanii fi guyyaa qe’ee ilmaan Oromoo kan saamaa jiran yoo ta’u, kan dadhaban ammoo gubanii barbadeessuu kan duriirra daran cimsanii itti fufani jiru. 

Godina Lixa  Wallaggaa aanaa Qilxuu-Kaarraa ganda Igguu Bochii jedhamutti Onkololessa 31, 2024 bobba’uun saamicha daangaa darbe raawwachaa kan oolan yoo ta’u:

  1. Obbo Taaddasaa Mokkonnon jalaa loon 13, 
  2. Dargaggoo Falmataa Girmaa jalaa loon lama, 
  3. Obbo Eebbisaa Dabalaa jalaa loon 3, 
  4. Dargaggoo Ayyaanaa Mokkonnon jalaa loon lama,
  5. Obbo Beekamaa Baayyataa jalaa loon 5 saamanii deemuu maddeen ifoomsan.

Humni saamichaaf bobba’e Kun loowwan uummataa offatanii  deeman kana malee qabeenya mana keessaa saamaa turuun, kaan ammoo caccabsuun jireenya uummataatti goolumsa guddaa  kaasanii jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading