Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti waraanni maafiyaa PP uummata nagaa saamuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo dinagdeen quucarsuuf kaayyeffatee kan deemu waraanni sirna nama nyaataa PP sababoota garaa garaa wabeefachuun manneen namoota nagaa saamuu fi dararaa adda addaa irratti raawwachuu jabeessee jira.

Haaluma wal fakkaatuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Wandii Daallee jedhamu keessatti waraanni goolessituu PP Hagayya 31, 2024 maanguddoo maqaan isaanii Obbo Indaargee Ittaanaa jedhaman “ilma keessantu miseensa WBO’ti” jechuun loon 22 jalaa saamuun, maatiin kun rakkinaaf akka saaxilaman taasisanii jiru.

Akka maddeen himanitti, waraanni seera dhab-leessi PP kun yeroodhaa gara yerootti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun badii tokko malee uummata nagaa saamuun akka uummatichi dinagdeen quucaree gadadoon jiraatuuf hojjechaa jiraachuun  dubbatamaa jira.

Exit mobile version