Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni sirnichaa namoota mana amantaa keessaa jumlaan guuree dhabamsiise

ONM-ABO Sadaasa 1, 2024 

Siyaasni fi amantaan kan wal hin ilaallanne yoo ta’u,  murni safuu fi safeeffannaa hin beekne bilxiginnaan ammoo, akkuma guutuu Oromiyaatti amantoota yeroo adda addaatti sababoota garaa garaa ga’aa hin taane irra barbaaduun manneen amantaa saamsuu, amantoota manneen amantaa keessaa baasanii jumlaan ajjeesuu, reebanii miidhaa qaamaa irraan ga’uu fi ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu bartee taasifachuun hojjechaa jiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Roggichaa keessatti Onkoloolessa 30, 2024 hidhattootni sirnichaa qe’ee hawaasa nagaatti bobba’uun tajaajiltoota mana amantaa ganda Roggichaa maanguddoota ganna 70 fi 85 olii kan ta’an Obbo Mohaammad Ibraahim fi Obbo Abduu kan jedhaman osoo isaan Masgiida keessatti sagadaa jiranii ol itti seenuun reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda konkolaataa keessa buusuun bakki isaan geessan hin baramin jiraachuu maddeen keenya gandichaa nuuf eeraniiru.

Ergamtootni murna Bilxiginnaa siyaasa qomoo fi paartii tokkichaa aadaa, amantii fi duudhaa habashootaa qofa tiksuuf ifaajan kun, amantootni kun yakka miidhaa hanganaa irraan ga’u hojjetaniif osoo hin taane, Oromummaan isaanii qofti yakka ta’uun yeroo silaa kabajni maluufitti fuula namootaa duratti uleedhaan cafaquun abboota kana salphisanii konkolaataa keessa buusuun bakki isaan geessan hin baramin jiraachuu fi jiraattotni ganda Roggichaa kunis dhabamsiifamuu abboota kanneeniitti hedduu gadduu dabaluun dubbataniiru.

Golee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin amantootni manneen amantaa keessaa baafamuun ajjeefamuu, reebamuu, hidhamuu fi doorsifamaa jiraachuu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version