ONM-ABO Sadaasa 4, 2024
Tibba kana ajaja koloneel Abiy Ahimediin ergamtoonni isaa Yilmaa Mardaasaa fi Biraanuu Juulaa godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti humna qilleensaa fi lafoon haleellaa uummata Oromoo irratti raawwataa kan jiran yoo ta’u, Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti qe’ee fi qabeenya hawaasaa irratti haleellaa humna qilleensaa fi lafoon raawwatamaa jiruun miidhaan jiraattota irra ga’aa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Aanaa Booraa ganda Tarree Barii iddoo addaa Ayyaagee jedhamuun beekamutti murni Bilxiginnaa “Waraana Bilisummaa Oromootu as keessa jiraata” jechuun bosona guddaa naannichatti argamuu fi qe’ee hawaasa naannichaa Sadaasa 1, 2024 Moortaraan akkasumas Sadaasa 2, 2024 ammoo humna qilleensaa xiyyaara waraanaa jeettii fi elekooptara fayyadamuun naannicha tumee jiraachuu ibsan.
Akka maddeen himanitti, hawaasa naannichatti argamu dursanii qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisanii kan jiran ta’uu himuun, haleellaa kanas guyyaa jalqabaa Moortaraan rukutuuf yaalii taasisanii milkaa’uu yoo dadhaban, guyyaa lammaffaa ammoo xiyyaara waraanaan rukutanii barbadeessaa jiraachuu himu.
Bakki kun hidha Bishaan Laga Awwaashiin marfamee kan jiruu fi haleellaan guyyaa jalqabaa Moortaraan taasifamee ture gara hidha Laga Awwaashitti darbatamuun miidhaa qaqqabsiisee jiraachuu itti dabaluun eeraniiru.

