Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti hiraarfamni hawaasaa jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024 

Gareen uummata irratti yakkoota gara-jabinaa fi seenaa gurraacha Oromoo irratti dalagaa jiran PP’n haala uummatichi deebi’ee dandamachuu hin dandeenyee fi qorqalbii isaa miidhuun guyyuu maqaa WBO da’oo godhachuun gidiraa hamtuu agarsiisaa jira.

Haaluma kanaan Sadaasa 2, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Huulaa Arbaa keessatti maqaa WBO wajjin hariiroo qabdu jedhuun waraana hawaasatti bobbaasuun mana barumsaa keessa qabsisanii barataa mana barumsaa irraa dhorkuun, isintu WBO’f daawwaa kennaaf jechuun buufata fayyaa saamsuu, ogeessota fayyaa reebuu, akkasumas maatii qabsaa’otaa hanga ilmi keessan qabsoo gadi dhiisee galutti isinis oomisha oomishachuu hin dandeessan jechuun doorsisuu fi mana jireenyaa qabeenya guutuu wajiin gubuun gochoota badaa dalagaa jiraachuun beekameera. 

Namoota hanga ilmi keessan WBO keessaa galutti oomisha keessan sassabachuu hin dandeessan jedhamuun oomishni isaanii alatti badaa jiru keessaa kan maqaa isaanii arganne Adam Baatii fi Gannaa Haaji Badhaasoo  kanneen jedhamaniidha.

Ittuma fufuun aanaadhuma kana keessaa ganda Arba caffaa jedhamu keessatti mana barumsaa keessa waraana qabsiisuun sirni baruu fi  barsiisuu illee akka adda citee jiru dabaluun addeessaniiru. 

Ganduma  mana barumsaa mooraa waraanaa taasifachuun barattoonni akka hin baranne taasisan kana keessatti mana Obbo Haaji Saadoo jedhamu qabeenya mana keessa jiru waliin mana isaa guyyaa saafaan ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessuunis  beekamee jira.

Exit mobile version