ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Dararamuu, qorqalbii miidhamuun jiraachuu, badii namoota biraatti gaafatamuu, mirga lubbuun jiraachuu dhabuu fi yaada ofii karaa bilisaa ibsachuun keessatti kan hin danda’amne impaayera Itiyoophiyaa keessatti heeraa fi seeronni barreeffamoon fakkeessii qofaa ta’uun uummatni wabii dhabee rakkachaa jira.
Akkuma dhala namaatti walaba ta’ee kan dhalate uummanni Oromoo, mirga walabummaan jiraachuu, bilisaan yaada isaa dhageessifachuu hanqatee jiraachuu erga eegalee kan bubbule ta’us har’a garuu yeroo itti ilmi abbaa Gadaa aangootti dhufe jechuun miidiyaan afarfamutti, yakkamtoota ta’uun maqaa badii ilmaatiif abbaa, haadha, obboleessaa fi obboleettiin itti gaafatamaa jiru.
Maatiin Obbo Aloo godina Arsii Bahaa aanaa Balee Gasgaar ganda Kosimoo keessa jiraatu. Haa ta’u malee maatiin kun ilmi isaanii miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ergii ta’ee waggoota lakkoofsisuun kan himamu yoo ta’u, sababa ilma isaanii kanaafis waraana Bilxiginnaan qabamuun ilma isaanii Amanaa Aloo dabalatee namoonni hedduun erga hidhamanii ji’oota sadii ol lakkoofsisuun beekameera.
Miseensonni maatii Obbo Aloo guyyaa hidhamanii kaasee haalli qabiinsa mirgoota namoomaa isaanii daranuu kan nama yaachisu yoo ta’u, ilma isaanii umuriin isaa 18 ol ta’eefis itti gaafatamuun hidhamanii dararamaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

