ONM-ABO Adoolessa 22, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Kombolchaa Yongee keessaa waraanni maafiyaan PP nama maqaan isaa Obbo Buusaa Taaffasaa jedhamu; abbaa ilmaan 3 kan ta’e badii tokkollee osoo hin qabaatin ukkaamsuun mana dukkanaa keessatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Obbo Buusaan siyaasa kam irraa bilisa ta’uu maddeen kun himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa sababa sobaa “lakkoofsa sarara quunnamtii keetu bilbila quunnamtii WBO keessatti argame” jedhuun yakkanii hidhaatti dararaa jiraachuu dubbatu.
Ilmaan Oromoo dararuu kaayyoo jalqabaa fi hojii idilee taasifatanii kan bobba’an jaleewwan sirna abbaa irree Bilxiginnaa, kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan amaleeffataniin olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun sarbamiinsa mirga namoomaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

