Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii keessatti gareen biyya bulchaa jirra ofiin jedhan manneen hawaasaa digsiisaa jiru

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024  

Hawaasa Oromoo kutaalee hunda keessa jiran  gareen abbaa irree gama dinagdeen dadhabsiisuuf karaalee hedduun irratti hojjechaa kan jiru Bilxiginnaan, hawaasa jireenya itti qaaleessuu fi maqaa garaa garaa itti moggaasee maallaqa irraa sassabuun harka duwwaatti hambisaa jira. 

Haaluma kanaan aanaa Nageellee Arsii keessatti ji’oota darbe uummata irraa humnaan maallaqa sassaabaa turuu isaanii gabaasaa kan turre yoo ta’u, ammas hawaasicha jiruuf jireenya dhorkuun mana keessan diigaa jechuun dirqamaan diigsisaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Namoota akka kanaan mana keenya maaliif diigna jedhanii gaaffii gaafataniif immoo yoo isin diiguu didan maallaqa kuma shantama kaffaltanii konkolaataan diigna  jechuun hawaasicha arabsaa fi reebaa kan jiran yoo ta’u, Sadaasa 5, 2024 kantiibaan magaalaa Nageellee Arsii walga’ii teessise irratti maaliif manni keenya diigama nu irraa diigdanii akkamitti jiraanna jedhanii yeroo jiraattonni gaaffii dhiyeessanitti godina irraan hojii qaba ammaa galaa jechuun hawaasicha achumatti dhiisee gara mana isaatti galuu dubbataniiru.

Maqaan namoota manni irraa diigamaa jiruus; 

  1. Gizaawuu Makkoo,
  2. Gammadaa Xaaqaqii,
  3. Morkee Fayisoo,
  4. Morkee Biraanuu fi 
  5. Safii Ambaa dabalatee namoota danuu irra diiganii jiraachuu dabaluun dubbatu.

Diigamuu mana kanaatiin akka taanuu fi iddoo irra qubannu dhabnee rakkachaa jirra kan jedhan namootni kunneen, hawaasni Oromoo rakkoo isaanii kanaaf akka birmatu dhaamaniiru.

Exit mobile version