ONM-ABO Sadaasa 6, 2024
Preezdaantiin Masrii Abdel Fattah Al-Sisi walga’ii hogganaa waraana biyyattii waliin taasisaniin Sudaan waraanaan miidhamte keessatti waraanaan “deeggarsi itti fufiinsaan” akka godhaniif waadaa galuu isaanii waajjirri isaanii ibsi baaseen beeksiseera.
Al-Sisiin Wiixata galgala marii Abdel Fattah al-Burhan waliin taasisaniin “dhukaasa dhaabuu fi dhiiga obboloota Sudaan qusachuu” jechuun gaafate jedha ibsi pirezidaantii Masrii irraa bahe.
Sudaan bara darbe ji’a Eblaa keessa waraana biyya keessaa keessa kan galte yoo ta’u, waraanni Burhaan loltoota humna deggarsa ariifataa (RSF) irraa dhufan kan itti aanaa isaa duraanii Mohaammad Hamdan Daglo’n durfamu waliin wal loliinsa keessa seenan.
Al-Burhaan fi al-Sisiin yeroo dheeraaf akka michuutti kan ilaalaman yoo ta’u, RSFn ji’a darbe humnoonni Masrii haleellaa qilleensaa isaan irratti raawwachuu isaanii yoo himatu – himannaa kana Kaayiroon haaltetti.
Walgahii isaanii irratti Al-Siisiin “biyyittiin rakkoo keessa jirtu keessaa akka baatu gargaaruuf Masriin Sudaaniif sadarkaa hundatti deggarsa itti fufiinsa qabu irra deebi’anii ibsaniiru” jedha pirezidaantiin Masrii.
Al-Burhan Masriin “Sudaan keessatti tattaaffii hammeenya hir’isuuf” garaadhaa deggarsa gochuu fi “tokkummaa, nageenya fi tasgabbii Sudaan eeguuf” of kennuu ishee galateeffateera.
Waraanni Sudaan fi RSF lamaan isaanii iyyuu waraana kana keessatti gocha hammeenyaa irra deddeebiin raawwatamuun kan himataman yoo ta’u, kunis namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu, bakka jireenyaatti akka feeteen dhukaasa banuu fi gargaarsa saamuu ykn ugguruu dabalateeti.
Waraanni kanaan namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman du’uu fi miliyoona 11 ol buqqa’uu akkasumas miliyoona 3.1 daangaa biyyattiin alatti gaaddisa kan argatan ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera jechuun AFP’n gabaaseera.

