Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Har-sadee miseensota haaraa leenjisee xumursiisuun eebbisiisuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Dhaabni ABO-WBO qabsoo bilisummaa Oromootti xumura gochuuf qabsoo hidhannoo ofitti fudhatee geggeessaa jiruun ilmaan Oromoo garbummaa saba isaanii taa’anii ilaaluu jibban simatee leenjisuun miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo taasisanii bobbaasuu itti fufee jira.

Wiixata darbe Sadaasa 4, 2024 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Harsadee kaadhimamtoota haaraa leenjii waraanummaa fi siyaasaa turtii yeroo dheeraadhaaf leenjisaa ture haala gaariin xumursiisee eebbisiisuu ajajaan WBO Zoonii Harsadee beeksisanii jiru.

Jaarmiyaan ulfina qabeessi ABO-WBO’n harqoota gabrummaa uummata Oromoo irraa kaasuuf jecha, haala rakkistuu kam keessatti miseensota haaraa leenjisuun, bobbaasaa jiraachuu yeroo garaa garaatti ajajaa Olaanaan ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dubbachaa turaniiru.

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n osoo murni nama nyaataa PP balleessineerra jedhee dhaadatuu, karra shanan Finfinnee dabalatee dachee Oromiyaa mara uwwisuudhaan impaayera bututtuu itiyoophiyaa rommisiisaa jiraachuun beekamaadha.

Exit mobile version