ONM-ABO Sadaasa 10, 2024
Murni dhaadannoon isaa Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo hanga kanaa gidduutti nan balleessa jedhee dhaadachaa har’a gahe, Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu mitii faallaa isaa yeroo waraanni bilisummaa Oromoo loltoota lafoo harkaa fixu gara xiyyaaraatti ce’uun uummata nagaa qabeenyaa fi lubbuu isaanii irraan miidhaa jabaa geessisuu itti fufee jira.
Akka waan WBO’n mooraa dhaabbataa qabatee achitti haleellaa irratti geggeessaniitti kan fudhatanii fi itti fakkaatu murni goolessaan sirnichaa manneen barnootaa fi hawaasaa irratti halleellaa geggeessaa jiruun miidhaa lubbuu fi qabeenyaa irratti raawwatu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan Sadaasa 3, 2024 aanaa Doddotaa ganda Amudee jedhamu keessatti WBO humna lafoon hin dandeenyu nama kumaatamaan lakka’amutu as jira jechuun odeessa sobaan hawaasa nagaa irratti diroonii sadii wal faana itti bobbaasuun haleellaa taasisaniin Obbo Huseen Kadir jalaa loon 4 yoo ajjeesan akasumas naannoo sanatti namoota hedduu jalaa beelladoota hedduu dhabama taasisanii jiraachuun beekamee jira.
Namoonni hedduun sodaa lubbuu isaaniif naannoo sanaa gara bakka biraatti baqachaa akka turanis dubbatu.

