ONM-ABO Sadaasa 9, 2024
Murni impaayerattii bulchaan jira jedhee of gowwomsu Bilxiginnaan wayita gara aangootti dhufee kaasee teessuma siyaasaa isaa akka eeganiif jecha loltoota isaa hawaasa nagaatti bobbaasuun miidhaa garaa garaa geessisaa kan jiru yoo ta’u, godina Lixa Shaggar aanaalee adda addaa keessatti jiraattota hidhuu, saamuu fi reebuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Jibaat ganda Alii Oossoo jedhamu keessaa baatii Onkoloolessaa keessa waraanni sirnichaa badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Obbo Deebisaa Magarsaa fi
- Guutamaa Cimdii kanneen jedhaman maqaa “ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun hidhanii hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen ONM’tti himan.
Oduu saamichaan ammoo ganduma kana irraa yerooma wal fakkaataatti namoota maqaan isaanii Aadde Dawoo Bareechaa fi Girmaa Taakkalaa jedhaman jalaa loon isaan qaban guutummaan guutuutti saamuun, maanguddoo ganna 70 olii Aadde Maree Deessisaa jedhaman ammoo “ilma keetu bosona Jira” jechuun reebicha hamaa irraan ga’anii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo badii tokko malee dararaa hangana hin jedhamne irraan ga’anii jiraachuu fi yeroo ammaa kanas waraanni Bilxiginnaa kunneen manneen barnootaa gandoota baadiyyaa aanicha keessa jiran guutummaan guutuutti mooraa waraanaa taasifatanii jiraachuus itti dabaluun dubbataniiru.
Kana malees godinuma kana aanaa Noonnoo ganda Caandoo jedhamu keessatti waraanni sirnichaa seeraan ala manneen barnootaa irra deemuun maqaa “obboleeyyan keessantu miseensa WBO’ti” jedhuun barattoota daree keessaa gadi yaasuun reebicha hamaa irraan geessisaa turuu fi barattoota hedduu ammaaf maqaan isaanii adda hin baane ammoo hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

