Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti dargaggoota dirqamaan gara adda waraanaatti guuruu fi saamicha daangaa hin qabne geggeessuu hammeessan

ONM-ABO Sadaasa 11, 2024 

Impaayerri Itiyoophiyaa Oromiyaa dirree waraanaa, bakka gubannaa lammiilee impaayerattii fi iddoo itti saamichi geggeeffamu, qe’ee boo’ichi keessaa hin fagaannee fi ekeraan du’aa itti marmaaru erga godhatanii waggoonni jaha darbee jira.

Baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti saamichi maqaa gibira kaffalaa jedhuun hammaachuun, keessattuu ji’a Sadaasa kana keessa bifa addaan manneen daldalaa fi karaarraa dhaabbachuun qarshii nama irraa saamu.

Maallaqa guddaa namni waggaattuu hojjetee argachuu hin dandeenye harkaa fuudhuun egeree sabichaa haala yaaddessaa keessatti kuffisaa jiraachuun beekamee jira.

Kana malees namoota baadiyyaa irraa magaalaa dhufan akkasumas kanneen magaalicha keessa jiran dirqamaan qabuun osoo haadhaa fi abbaan duukkaa boo’anii dirqiin gara leenjiitti ergaa jiru. 

Sodaa gara leenjii waraanummaa deemuu kana irraan kan ka’e namootni hedduun achi keessaa baqachaa jiraachuus jiraataan magaalichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Exit mobile version