ONM-ABO Sadaasa 15, 2024
Ministirri Dhimma Alaa Masrii Baadir Abdelatii Kamiisa kaleessaa Kaayirootti ergamtuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Sudaan Ramtane Lamamraa waliin tattaaffii dhukaasa dhaabuu biyya waraanaan miidhamte kana irratti mari’ataniiru.
Mariin gama lameenii gidduutti taasifamaa ture rakkoo Sudaan mudatee fi karaalee walitti bu’iinsa achitti uumame itti furan irratti kan xiyyeeffate ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Masrii ibsa baaseen beeksiseera.
“Masriin dantaa Sudaan fi qulqullina naannoo ishee eeguuf fedhii guddaa qabdi,” jedhan Abdelatiin.
Kaayiroon “rakkina ummata Sudaan irra ga’aa jiru dhaabuuf Sudaan keessatti dhukaasa dhaabuu fi qubsuma irra ga’uuf” tattaaffii naannoo fi idil-addunyaa irratti bobba’aa akka jirtu dubbataniiru.
Dippilomaatichi olaanaan kun haalli namoomaa Sudaan keessatti hammaataa dhufe irratti yaaddoo qaban ibsuun, Masriin “dantaa, abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo Sudaan eeguuf” waadaa galte irra deebi’uun ibsaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Sudaan rakkoo buqqa’iinsa addunyaa irratti isa hamaa ta’e keessa akka jirtu akeekkachiisee ture. Sababiin isaas waraanni kun mallattoo xumuramuu waan hin agarsiifnee fi balaan beelaas dhufuuf jira jechuun Rooyiters gabaaseera.

