ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Muummittiin ministeeraa Taayilaandi Payetongtarn Shinawatraa pirezidaantii Ameerikaa filatamaa Doonaald Tiraamp waliin bilbilaan akka dubbatan waajjirri ishee Kibxata ibsuun yeroo kana lamaan isaanii iyyuu bulchiinsa walii isaanii akka deggaran waadaa galaniiru.
Ji’a Fulbaanaa keessa aangoo kan qabattee fi muummittii ministeeraa Taayilaandi ishee quxisuu kan taate Payetongtarn, biyyi ishee Ameerikaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ishee irra deebitee yoo ibsitu, akka ibsi ba’etti, Tiraamp hojii ishee jajachuu isaa agarsiiseera.
Taayilaandi Eeshiyaa keessatti michuu waliigaltee Waashingitan ishee durii yoo taatu, bakka dippilomaasii guddaa naannichatti qabdu keessaa tokko dha l. Biyyoonni lamaan waggaa waggaan shaakala waraanaa waloo kan gaggeessan yoo ta’u, seera kabachiisuu dabalatee waljijjiirraa dachaa irratti hirmaatu.
Taayilaandi fi biyyoonni Kibba Baha Eeshiyaa biroo warshaalee konkolaataa fi elektirooniksii kan akka Veetnaam qaban imaammata Tiraamp galtee Chaayinaa irratti taarifa dabaluu danda’u irraa fayyadamoo ta’uuf dhaabbatu.
Ministirri daldalaa kun Taayilaandi oomisha Chaayinaa bakka buusuuf caalaatti gara Ameerikaatti erguuf barbaaduu qabdi jedhan.
Al-ergiin dinagdee kanaaf sochoosaa ijoo yoo ta’u, Ameerikaan bakka al-ergii Taayilaandi olaanaa yoo taatu, Chaayinaan itti aantee jirti Rooyiters gabaaseera.

