Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti maqaa maatii qabsaa’otaatiin hidhaa fi saamichi jabaate

ONM-ABO Sadaasa 21, 2024 

Akkuma sirni bulchiinsa Dargii uummata Oromoo magaalotaa fi gandoota baadiyyaa naannoo WBO’n keessa socho’aa ture keessa jiraatan hidhuu fi ajjeesuun hiraarsaa ture, guddisni mootummoota abbaa irree darbanii sirni Bilxiginnaas hojii hamaa hojjetu jabeessee itti fufeera.

Bifuma kanaanis jiraattonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii rakkoon maqaa maatii qabsaa’otaa fi hidhata WBO qabdu jedhuun irra ga’aa jiraachuu gabaasaa akkuma turre, cunqursaa fi hacuuccaan daranuu irratti jabaachuun hawwan hedduun maqaa abbaa warraa fi ilmaan isaaniitiif manneen hidhaa aaanichaatti guuramaa jiraachuu ONM ifoomseera.

Aanaa Jimmaa Gannaatii ganda Gammoo Nagarootti haadha warraa Obbo Misgaanuu Bookaa, haadha warraa Obbo Lataa Garramuu fi haadha warraa Obbo Dabaloo Darajjee dabalatee haadholii hedduu qabuun bulchiinsa magaalichaatti darbatanii hidhaan dararaa jiraachuun barameera. 

Keessattuu mana Obbo Dabaloo deemuun erga haadha warraa isaa qabaniin booda horii gaanfaa baay’inni isaa 50 ol ta’u jalaa ooffachuun akka deemanis jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version