Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hiriira mormii Yunvarsiitii Finfinnee siddist kiiloo irratti gaaffii barattoonni Oromoo kaasan irratti qondaalli murna Bilxiginnaa Oromiyaa bakka bu’uun deeme qoosaan deebisuun ibsame

ONM-ABO Sadaasa 22, 2024 

Barattoonni fi beektonni Oromoo gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa akka ta’e kan mul’isuu eegalan baroota hedduu darban irraa kaasee ogguu ta’u, barattoonni Oromoo yuniversiitii adda addaa keessa jiranis miidhaa saba isaanii irratti qaqqabuuf mormii agarsiisaa turan hanga har’aatti itti fufaniiru.

Dhumaatii uummata Oromoo irratti garee mootummaa abbaa irree Bilxiginnaan tumsaman humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin godina Kaaba Shaggar ona Salaalee fi Dharraatti taasifamaa jiru ilaalchisee barattoonni Oromoo mooraa yuunvarsiitii adda addaa irraa Sadaasa 21, 2024 mormii agarsiisaa turuun beekameera. 

Fincila barattootaa ilaalchisisees qondaalli mootummaa naannoo Oromiyaa bakka bu’uun garas imale tokko gaaffiin keessan maaliidha?  jechuun akka eegales barattoonni ONM’f yaada isaanii qoodan kan himan, gaaffiileen barattootaas daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba, uummanni Oromoo Salaalee fi Dharraa akkasumas godinaalee Oromiyaa osoo isin jirtanii akkamiin humnoota finxaaleeyyii Amaaraatiin dhuma jechuun gaafachuus kan himuun, bu’uuruma barattoonni gaaffii isaanii eegalaniin isin rakkoo uumuuf malee gaaffiin mormiin deebi’u hin jiru akka jedhes itti dabaluun eeraniiru 

Gaaffiileen keessan akka deebi’u yoo feetan barattoota bakka buufadhaa, dursa sagantaa mormii kana kan isin eegalchiise eenyu akka ta’es nuuf himaa jechuun mooraa yuunvarsiitii Finfinnee Siddist kiilootti barattootatti qoosaa akka turanis ibsameera 

Barattoonni Oromoo yeroo sana turan gaaffii sabummaa kaasuudhaan deebiin isaanii kana ta’uun mataa dhukubbii akka isaaniitti ta’es himuun gaaffiin keenya hanga deebi’utti daree barnootaas seenne hin barannu jechuun irratti akka waliif galanis Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa ifoomseera. 

Exit mobile version