ONM-ABO Sadaasa 22, 2024
Oromiyaa keessatti waraana humnaa olii leenjisuun qe’een uummatichaa akka nagaa hin argannee fi qe’ee boo’ichi keessaa hin fagaanne kan taasifate koloneel Abiy Ahimed yeroo ammaa kanas haala abdii kutannaa irraan kan ka’e mancaatii qabeenyaa fi lubbuu namaa balleessuutti fuula loltoota isaa naannessee jiruu fi jireenya hawaasaa gooluu irratti argama.
Uummatatti gurra qabanii dhageeffachuu irra tuffii uummatichaaf qaban ifaan ifatti mul’isuun gareen faayidaa dhuunfaa isaaniif qofa yaadan akkasumas dantaa uummataa hin qabne afaaniin ammoo uummata keenyaaf hojjenna jechuun karaa miidiyaa fi dabballoota of harkaa qabaniin lallaban godina Lixa Shaggar ona Meettaa Walqixxee ganda Meexxii keessatti Sadaasa 21, 2024 badii tokkoon alatti nama Obbo Baqqalaa Wadaajoo jedhaman jalaa manaa fi qabeenya guutuu barbadeessuun harka duwwaatti hambisanii jiru.
Akka jiraataan gandichaa tokko ONM’tti himetti Obbo Baqqalaan badii tokkollee kan hin qabne ta’uu himuun, badiin isaas yoo jiraate Oromoo ta’uu isaa qofa jechuun dubbate.
Itti dabaluun namni kun nama guddaa akka jaarsa biyyaatti hawaasa isaa tajaajiluu fi hawaasni illee kabaja isaaf qabu, akkasumas inni illee rakkoo fi roorroo kamuu saba isaa irra gahu nama dhaabbatee falmuu fi uummata isaa jaalatu ta’uu dabaluun dubbata.
Erga manaa fi qabeenyaa isaa mana keessa jiru gubanii barbadeessanii kaasee maatii isaa fi inni rakkoo hamtuu keessatti kufanii akka jiran himee, kaayyoon sirnichaas namoota ija uummataa duratti jaboodha jedhaman barbaadee ajjeesuun qabeenyaas jalaa mancaasuun qorqalbii miidhuu akka ta’e ibseera.

