Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dararamni qaamota lameen murna Bilxiginnaa fi Faannoon uummata Oromoo godina Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa irra ga’u itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 24, 2024 

Gareen badii dantaan sabaa homaa itti hin fakkaanne murni Bilxiginnaa qaamota finxaaleeyyii Amaaraa tumsuun meeshaa hidhachiisanii uummata Oromoo morma osoo qalchiisaa jiranii harka tokkoon ammoo loltoota isaanii itti bobbaasuun humna qilleensaa fi lafoon duguuggaa sanyii raawwatan jabeessuun miidhaa qaamaa fi qabeenyaa irraan ga’uun, gariin ammoo jumlaan guuree mana hidhaatti darbaa jira.

Akkaatuma kanaan baatii lamaan darbanii as haala adda ta’een dararamuun uummata Oromoo hammaachaa dhufuun  torban kana keessas Kaaba Shaggar aanaa Dharraa ganda Bayyoo Noonnoo jedhamu irraa  namoota  maqaan isaani:

  1. Arabuu Shifaw Abbaa isaa 
  2. Shifaw Dammaqee walin, 
  3. Abdallaa Mannan Hasan abbaa isaa 
  4. Hasan Sai’d Walin, 
  5. Jamaal Abduu, 
  6. Muhee Ayyalew, 
  7. Taaffasee Katamaa, 
  8. Muhaammad Amiin, 
  9. Ahimed Sheek Muusaa fi 
  10. Ajjibeew Asheetuu kanneen jedhaman namoota muraasa mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiran ta’uu jiraattonni himu.

Namoonni aanichatti hidhamanii jiran hedduu yoo ta’an, kanneen keessaa halkan halkan dhoksaan mana hidhichaa keessaa baasanii ajjeesaa akka jiran ta’uu himuun, taateen uummaticha irratti qaamota lameeniin dalagamaa jiru hedduu yaaddessuus dabaluun dubbatu.

Exit mobile version