Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti dararamni qaamota murna Bilxiginnaan raawwatamu cimee itti fufuun egeree lammilee yaadeessuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 24, 2024 

Sabni Oromoo of ta’ee Oromummaan hidhaa fi cancala garbummaa ciree akka hin jiraanneef dinagdee fi siyaasaan dadhabsiisuuf roorrifamni Bilxiginnaas cimee itti fufuun Sadaasa 22, 2024 halkan sa’a lama irratti aanaa Jimmaa Arjoo ganda Jaarsoo Garbiitii keessaa qabeenyaa Obbo Oljirraa Dafaa qotiyyoo lama waraanni faashistii PP jalaa ooffachuun akka deeman jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Tibbee Haraa iddoo addaa Aggoo Laaften jedhamu irraa  Sadaasa 10, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Geetuu Raggaasaa, 
  2. Kumsaa Tasfaayee, 
  3. Waaqoo Kabaa, 
  4. Mulgeetaa Ilfataa, 
  5. Lulee Taaddalaa,
  6. Dinqiisaa Lammii,
  7. Kumarraa fi kanneen biroo hedduu ta’an loltoonni sirnichaa badii tokko malee mana amantaa fi bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa bakka addaa Immoo jedhamu keessaa Sadaasa 22, 2024 nama maqaan isaa Taarikuu Qajeelaa jedhamu ergamtoonni sirnichaa qabeenya mana isaa keessa jiru qarshii 8,000 waliin guutummaan saamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Kana malees aanaa Waamaa Hagaloo ganda Baataa Awwaangiroo keessaa maqaa WBO soortuun namoota hidhanii dararaa fi bilbila chaarjii gootuufiin soolaarii manneen namootaa irraa saamanii jiraachuun barameera.

Exit mobile version