ONM-ABO Sadaasa 24, 2024
Tibba kana dhaabbilee barnoota olaanoo biyyattii keessatti argaman adda addaa dabalatee, manneen barnootaa naannoo Oromiyaa cufa keessatti hiriirri mormii duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo godina Kaaba Shaggar aanaalee garaa garaa keessatti ergamtoota Bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraan raawwatamaa jiru balaaleffatu barattoota Oromootiin adeemsifamaa turuun ni beekama.
Ergamtoonni Bilxiginnaas fincila barattoonni Oromoo dhoosan kana dura dhaabbachuun mormaa kan jiranii fi barattoota hedduus ukkaamsuun dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, guyyaa kaleessaa Sadaasa 23, 2024 naannoo Uummattoota Kibbaatti kan argamu Yuunivarsiitii Jiinkaa irraa barattonni Oromoo saba isaaniif sagalee ta’uuf ba’an 27 ukkaamfamuun hidhaatti darbatamanii jiraachuu barattoonni ONM dubbise himan.
Barattoota Oromoo hidhaman keessaa muraasni maqaan isaanii argame:
- Barataa Yohaannis Solomoon,
- Barataa Yoseef Fiqaaduu fi kanneen biroo hedduu poolisiin federaalaa waraqaa eenyummeessaa (ID) isaanii irraa guuruun naannoo Yuunivarsiitii Jiinkaatti kan argamu ganda 02’tti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

