Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni Bilxiginnaa qaama miidhamtoota irratti hidhaa fi saamicha raawwachuun himame

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024  

Manni amantaa Kaatolikii akkuma guutuu Oromiyaatti namoota qaama miidhamtoota ta’aniif yeroo yeroon deggersa meeshaalee adda addaa taasisuufiin beekama. Kanneen dhukkuba miillaa (dhiitoo) dhukkubsataniif kophee maqaan isaa “Koomaandoo” jedhamuun beekamu ji’a sadii sadiin galmeessee kennaafii jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo WBO’tu waraana keenya ajjeesee irraa baasee isinitti gurgurata jechuun irraa baasanii fudhachuun qaama miidhamtoota hedduus hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan dargaggoo Caalaa Addaamuu jedhamu aanaa Baakkoo Tibbee keessaa jiraataa ganda Guddina Biyyaa kan ta’e kophee Koomaandoo jedhamu kana kan deggersa waldaa Kaatolikii irraa kennameef waliin qabuun waajjira Poolisii aanaa Baakkoo Tibbeetti baatii torbaa oliif hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan. 

Dabalataan ganduma Guddina Biyyaa irraa nama maqaan isaa Obbo Katamaa Bakkashee jedhamu abbaa daa’ima 12 kan ta’e ammoo “WBO gargaarta” jechuun yakkanii isas gaaffii seeraa tokko malee baatii torbaa oliif waajjiruma poolisii aanaa Baakkoo Tibbeetti  hidhanii dararaa jiru.

Maddeen itti dabaluun akka himanitti, hidhamaa tokko yakka isaa manni murtii qoratee gadi lakkisa jechuun gara waajjira poolisiitti wayita ajaja dabarsu manni murtii aangoo nu irratti hin qabu jechuun poolisoonni waraqaa qulqullinaa manni murtii garasitti barreesseef jiraattota harkaa fuudhanii ciranii gatuun of irraa ari’aa kan jiranii fi yoo fedhan ammoo maallaqa guddaa gaafatanii itti qoosaa jiraachuu itti dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version