ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee keessaa Waxabajjii 21, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Aadde Xaafanii Lataa,
- Daa’ima umurii 13 kan taate shamarree Boongee Badhaasaa fi
- Lalisaa Asaffaa
kanneen jedhaman jaleewwan Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi osoo magaalaa Tibbee irraa gara manaatti galaa jiranii loltoonni PP “WBO’f kophee bittanii geessaa jirtu” jechuun konkolaataa keessaa buusanii hidhaatti kan darbatan ta’uu dubbatu.
Kana malees, aanicha bakkeewwan garaa garaatti namoota qaama miidhamtoota ta’aniin ammoo, “isin miseensa WBO warra osoo nu loluu miidhameedha” jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

