Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkal Aanaa Dibaax keessaa uummata nagaa hidhaatti guuruun cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024 

Siyaasa boodatti hafaa impaayerattii keessatti uummata nagaa hiraarsuun akka waan impaayerattiin nagaa argattuutti kan amanan murnoonni Bilxiginnaa, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhaatti naqanii dararuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Dibaax keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota gaaffii seeraa tokko malee hidhanii dararuu itti fufuun hawaasdinagdee isaanii jeeqaa jiru.

Ganda Giiphoo jedhamu keessaa jaarsolii biyyaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Taakkalee Admaasuu,
  2. Ayyaanaa Teessoo,
  3. Dheeressaa Injifataa,
  4. Tamasgeen Amsaaluu,
  5. Baabuu Dhugumaa,
  6. Gurmeessaa Dabalaa,
  7. Aduulaa Xiggee,
  8. Olaanii Mararaa fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees aanichuma ganda Calliyaa keessaa ammoo namoota maqaan isaanii:

  1. Barattuu Dirribee Guddataa,
  2. Barsiisaa Bayyanee Hortuu,
  3. Lalisee Gammachuu,
  4. Yaadatee Guddataa,
  5. Seenjaa Gurmeessaa fi obboleeyyan sadan,
  6. Masaayee Gurraachoo,
  7. Dambalee Gurraachoo,
  8. Gaaddisee Gurraachoo kanneen jedhaman akkasumas aanichuma ganda Somboo Siree jedhamu keessaas:
  9. Mallasee Olaanaa,
  10. Efireem Yaadataa,
  11. Haayilee Amsaaluu,
  12. Addisuu Yaaddessaa,
  13. Taarraqee Faradaa,
  14. Warqee Aagaa,
  15. Dinqituu Baqqalaa fi daa’ima ishee dabalatee yoo xiqqaate namoota nagaa dhibba tokkoo ol badii tokko malee baatii tokkoo oliif hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta’anii fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhamanii dararamaa jiraachuu himuun, godinicha keessatti hawaasni nagaan finxaaleeyyii Amaaraa kanneen maqaa Faannoo jedhuun of waamanii fi ergamtoota murna Bilxiginnaan gochoota suukkanneessoo irra ga’aa ooluun rakkoo hamaa keessa jiraachuus itti dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version