Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti Lukkeeleen Bilxiginnaa uummata nagaa hidhuu fi dararuu hammeessan

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Aanaa Saasiggaa bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota dararuu hammeessuun, ganda Haroo Folaa jedhamu keessaa “waardiyyaa halkanii eegaa” jechuun rakkisaa jiraachuu fi namoota eegumsa ba’uu didanis hidhaatti guuraa kan jiran ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kanumaan wal qabatee Muddee 27, 2024 abbootii warraa maqaan isaanii:

  1. Obbo Geetanaa Dabalaa,
  2. Obbo Taaddalee Wodaajoo fi
  3. Obbo Iddoosaa Qinaaxxii jedhaman 

badii tokko malee eegumsa halkanii ba’uu haftan sababa jedhuun waajjira gandaa Haroo Folaatti guyyaa tokko guutuu hidhanii garmalee hiraarsaa turuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Gandicha keessaa namoota hedduu fedhii isaanii malee dirqamaan milishummaa leenjisuun meeshaa itti hidhuun yeroo ammaa kanas hidhattoonni kunneen gara itti deebi’an dhabuun rakkachaa kan jiran ta’uunis ibsameera.

Exit mobile version