Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkalitti hidhaa fi dararaan uummata nagaa irratti taasifamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025

Guyyoota shanan darban jechuun Gurraandhala 24, 2025 godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Barbar naannoo Dambi’oo  jedhamtu keessaa maqaa WBO’tu naannoo kana  turee dhukaasa nu irratti bane jedhuun uummata nagaa ukkaamsanii mana hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota ukkaamsamanii mana hidhaatti gidirfamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

1. Goshuu Jaarraa,

 2. Taakkalee Ayyaanaa,

3. Tasfaayee Abbabee, 

4. Maammoo Garbii,

5. Abbabee Adimee, 

6. Geetaachoo Raggaasaa  fi

7. Addunyaa Fayyisaa kanneen jedhaman yommuu ta’an, namoonni kunneen badii tokko malee Oromoo ta’uu isaanii qofaaf mana hidhaatti dararamaa jiraachuu  jiraattonni naannichaa itti dabaluun ONM’f ibsanii jiru.

Godina Matakkal aanaa Dibaax fi Bulaan keessatti waraanni faashistii PP abbootii qabeenyaa Oromoo dabalatee barattoota karaa deeman jumlaan fixaa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version