Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti ergamtoonni Bilxiginnaa gubaatii manneenii fi saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 26, 2024 

Guyyaa dhufee darbuun ilmaan Oromoo hiraarsuu irratti kan karoorfatan goolessitoonni murna Bilxiginnaa saamtota waraana isaanii uummatatti bobbaasuun guyyuu jiruuf jireenya Oromoota maraa goolaa kan oolan yoo ta’u, dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle uummata harka duwwaa irratti hameessuun hidhaa, buqqaatii, ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuu, jumlaan ukkaamsuun dirree waraanaatti guuruu dabalatee saamicha qabeenyaa hawaasaa irratti jabeessuun jiruu hiyyummaaf sabicha saaxilaa jiru.

Sadaasa 24, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaatti nama maqaan isaa Waggaa Fiqaaduu Tarfaa jedhamu jalaa sangoota lama ooffatanii yoo deeman, hawaasa gandichaa jalaas lukkuu dabalatee soolaarii jalaa saamanii akka deeman maddeen ONM’tti himan.

Aanichuma ganda Shuraa Maaramoo keessaa Sadaasa 21, 2024 ergamtoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

Saadiq Tashoomaa mana isaa qabeenya hunda waliin gubuun, sa’a dhaltii 2 ammoo jaboota waliin jalaa saaman, 

Aburaayii Kabbadaa mana isaa qabeenya hunda waliin jalaa guban, 

Yaasin Wanagaa mana isaa qabeenya hunda waliin  gubuun, loon 12 ammoo kan inni namoota irraa qixxee fuudhee tiksus jalaa saaman,

Yaasii Mahaammad mana isaa qabeenya hunda waliin jalaa guban akkasumas,

Sayid Eliyaas mana isaa qabeenya hunda waliin gubuun, boqolloo ardaba 8 ol ammoo jalaa fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneenis tuttuqaa siyaasa kamirraayyuu walaba ta’uu himuun sirni badee balleessaan bilxiginnaa jiraachuu ilmaan Oromoo hin feene Oromummaa isaanii qofa yakka gochuun akka saaman odeessi onicha irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version