Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa keessatti manneen uummataa gubuun barame

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Murni Bilxiginnaa hojii dabaa hawaasa irratti hojjechuun qorqalbii hawaasaa cabsee gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu qe’ee isaanii irratti ilmaan Oromoo ajjeesaa, hidhaa, saamaa fi manneen irratti gubaa jira.

Sadaasa 25, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaatti waraanni goolessaan PP manneen qonnaan bultootaa qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessanii jiru.

Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaa arganne:

1. Guyyee Tikoo Wooticha

2. Garroo Ansilloo Nu’ee ta’uun barameera.

Manneen gubaniin alattis qabeenya qonnaan bultootaa kanneen akka loonii oolfatanii deemanii jiru.

Namootni loon isaanii jalaa oofame kunneenis

1. Daamxee Ansilloo Nu’ee

2. Barii Ansilloo Nu’ee  fi kan biroo jalaa loon 40 ol yoo oofan, gandichuma keessaa namoota 15 ol badii tokko malee qabuun mana hidhaatti galchanii jiru.

Akkasumas waraanni goolessaan PP kun godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti baatii kana keessa manneen 300 ol gubanii barbadeessuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version