Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaatti hidhaan uummata irratti jabaate

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Waraanni faashistii PP Sadaasaa 25, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaa iddoo addaa Zoonii Gurraachaa jedhamu keessaa namoota nagaa 15 ol maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistan jedhuun hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromootti himanii jiru.

Namoota hidhaman kanneen keessaa kan maqaa arganne:

 1. Dukkoo Bunoo Ganamoo

 2. Qaalloo Goobana Fuudhaboo

 3. Shoree Daankiraa

 4. Buzunaa Barii Ansulloo fi kanneen biroo maqaan isaanii nu hin ga’in akka jiran barameera.

Ona Bulee Horaa kana keessatti waraanni faashistii kun manneen qonnaan bultootaa qabeenya waliin gubuun loonis ooffatanii deemuu isiniif gabaasnee turre.

Exit mobile version