Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Puutiin Raashiyaan Kaazaakistaan waliin pirojektoota gurguddaa haaraa hojjechuuf qophooftee jedhan

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Roobii kaleessaa gara boodaatti daawwannaa guyyoota lamaaf magaalaa guddoo Kaazaakistaan Astanaatti taasisuun dura, biyyi isaanii Kaazaakistaan ​​waliin pirojektoota gurguddoo haaraa hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

“Rosatom (Russia’s State Atomic Energy Corporation) hojiirra oolmaa pirojektoota marsaa boba’aa niwukilaraa fi guddina indaastirii yuuraaniyeemii Kaazaakistaan ​​keessatti gargaarsa qabatamaa kenna. 

Korporeeshiniin mootummaa Raashiyaa Pirojektoota gurguddoo haaraa Kaazaakistaan ​​waliin hojjechuuf qophiidha,” jechuun Puutiin barruu addaa guyyaa guyyaan Kaazaakistaaniif barreesseen dubbataniiru.

Raashiyaan michoota dinagdee Kaazaakistaan ​​gurguddoo keessaa tokko jechuun kan waamu Puutiin, Moskoo fi Astanaan damee boba’aa fi gaazii irratti tumsa ijaarsaa irratti bobba’aa akka jiran ibsuun, al-ergiin biyya Giddugaleessa Eeshiyaa %80 ol naannoo Raashiyaa keessa darba jedhan.

Dhaabbileen anniisaa biyyoota lamaanii waliin ta’uun kuufama haayidirookaarboonii misoomsuu, qabeenya anniisaa qopheessuu fi sirna ujummoo isaanii babal’isaa jiru jedhan.

“Gama anniisaa filannoo fi qulqulluu, eegumsa naannoo, fi jijjiirama qilleensaa ittisuufis abdiin gaariin banamaa jira,” jedhan Puutiin.

Pirezidaantiin Raashiyaa akkasumas pirojektoonni indaastirii fi jalqabbii abdachiisaa ta’an hedduun gama tumsa dinagdee biyyoota lamaanii biroo keessatti akka jiran ibsuun, keessumaa hojiin kutaa bahaa Koridoorii Geejjibaa Idil-addunyaa Kaabaa-Kibbaa (INSTC) babal’isuuf hojjetamaa jiru hubachiisaniiru jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version