Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tiraamp prezidaantiin Meeksikoo godaansa karaa Meksikoo gara Ameerikaatti taasifamu dhaabuuf waliigaluu himan

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Pireezidaantiin Ameerikaa filatamaan Doonaald Tiraamp jalqaba torban kanaa doorsisa taarifa isaanii hordofuun Pirezidaantiin Meksikoo Kilaawudiyaa Sheembaam Paardoo waliin erga haasa’anii booda godaansa godaantotaa akka dhaabdu roobii kaleessaa ibsaniiru.

“Pirezidaantii haaraa Meksikoo, Kilaawudiyaa Sheenbaam Paardoo waliin haasawa ajaa’ibaa taasifneerra jedhan Tiraamp. Godaansa karaa Meksikoo gara Ameerikaatti dhufu dhaabuuf waadaa galtee jirti, Daangaa keenya kan gara Kibbaas ni cufna jetteetti,” jechuun Tiraamp waltajjii irratti dubbataniiru.

Haasaan Sheenbaam waliin taasifame ”bu’a qabeessa” jechuun ibseera.

“Akkasumas waa’ee qoricha baay’ee gara Ameerikaatti dhufu dhaabuuf maaltu godhamuu akka danda’u, akkasumas, fayyadama qoricha kanaa U.S. irratti haasofne,” jedhan Tiraamp.

Barreeffama itti aanu irratti pirezidaantiin filataman kun akkas jedhan: “Meksikoon namoonni gara Daangaa Kibbaa keenyaa akka hin deemne ni dhorkiti, hatattamaan hojiirra oola. 

Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu guyyaa jalqabaa aangoo isaa mallatteessuuf karoorfateen Kanaadaa, Meksikoo fi Chaayinaa irratti taarifa akka kaa’an dhaadataniiru.

“Amajjii 20, akka Ajaja Hojii Raawwachiiftuu koo hedduu jalqabaa keessaa tokkootti, oomishaalee gara Ameerikaa dhufan hunda irratti, fi Daangaa Banaa ishee ta’e irratti Meksikoo fi Kanaadaa irratti Taarifa %25 kaffaluuf sanadoota barbaachisoo ta’an hunda nan mallatteessa,” jechuun  dubbateera. 

Pireezidaantiin Meeksikoo Tiraamp waliin haasawa gochuu ishee mirkaneessanii, tooftaa bal’aa Meksikoon mirga namoomaa kabajuun godaansa furuuf hordofte itti ibsiteetti jechuun associated Press gabaaseera.

Exit mobile version