ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025
Ameerikaan ji’a tokkoof meeshaalee Meksikoo irratti taarifa jalqabuuf waliigaltee irra ga’uu isheetiin, pirezidaantotni Meeksiikoo Kilaawudiyaa Sheenbaam fi Doonaald Tiraamp marii erga gaggeessanii booda yeroof dhaabuu dubbataniiru.
Akka qaama waliigalteewwan ollaa walitti dhiyeenyaan walitti hidhaman gidduutti taasifame keessatti, Meksikoon, daldala qoricha sammuu namaa hadoochu ittisuuf daangaa Ameerikaa waliin qabdu irratti nageenya ni cimsa jechuun Sheenbaam beeksisteetti.
“Pireezidanti Tiraamp waliin hariiroo fi abbaa biyyummaa keenyaaf kabaja guddaa qabna,” jechuun Sheenbaam waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti dubbatte.
“Meksikoon daldala qoricha sammuu namaa hadoochu Meksikoo irraa gara Ameerikaatti, keessumaa fentanyl ittisuuf loltoota Eegdota Biyyaalessaa 10,000 ta’an hatattamaan bobbaasuun daangaa kaabaa ni cimsiti,” jette.
Itti dabaluudhaanis, “Ameerikaan meeshaa waraanaa humna guddaa qabu gara Meksikootti akka hin daldalleef hojjechuuf kutannoo qabdi,” jechuun dabalteetti.
Gareen biyyoota lamaan dhimma nageenyaa fi daldalaa irratti Wiixata kaleessaa hojii jalqabu jedhan Sheenbaam.
Itti dabaluudhaanis, “Ameerikaan meeshaa waraanaa humna guddaa qabu gara Meksikootti akka hin daldalleef hojjechuuf kutannoo qabdi,” jechuun dabalteetti.
Itti dabaluudhaanis, “Taarifni ji’a tokkoof dhaabatee jira,” jechuun dabalteetti.
Traamp barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti murteen taarifaa Meeksikoo irratti darbe dhaabbachuu mirkaneessanii, mariin isaan hogganaa Meksikoo waliin taasisan “baay’ee michuu” ta’uu dubbataniiru jechuun AFP’n gabaaseera.
