Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tiraamp yeroo dhiyootti taarifa %25 Kanaadaa fi Meeksikoo irratti akka kaa’an dubbatan

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp yeroo dhiyootti taarifa %25 Kanaadaa fi Meksikoo irratti akka fe’an Kamisa kaleessaa beeksisaniiru.

“Taarifa %25 Kanaadaa irratti, addaan ammoo %25 Meksikoo irratti nan kaa’a, dhugumas kana gochuu qabna, sababiin isaas biyyoota sana waliin hanqina baay’ee guddaa qabna,” jechuun Tiraamp Waayit Haawusitti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.

Tiraamp taarifa kana Guraandhala 1 irraa eegalee hojiirra akka oolu himaniiru

“Taarifoonni sun yeroon dabaluu danda’u ykn dabaluu dhiisuu danda’u. Boba’aan waan tokkollee qabaachuuf hin jiru. Hanga ani yaadutti boba’aan waan tokkollee hin qabu,” jechuun dabalaniiru.

Tiraamp kanaan dura ajaja hojii raawwachiiftuu jalqabaa yeroo aangoo qabatanii kennan keessaa tokko oomishaalee Meeksikoo fi Kaanaadaa irraa dhufan hunda irratti taarifa %25 kaa’uu waliin, ”daangaa banaa” irratti xiyyeeffachuu akka ta’e beeksisaniiru.

Hanga dhimmoonni akka daldalaa fi godaansa seeraan alaa furmaata argatanitti taarifaan kun bakka isaa akka turu dhaadataniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version