Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baankiin giddu galeessaa Siiriyaa, baankonni daldalaa Kibxata har’aa hojii isaanii akka jalqaban himame

ONM-ABO Muddee 10, 2024 

Baankiin giddugaleessaa fi baankonni daldalaa Siiriyaa Kibxata har’aa hojii isaanii kan jalqaban yoo ta’u, hojjettoonni hojiitti akka galan gaafatamaniiru jechuun maddi baankii giddugaleessaa fi baankota daldalaa lama Wiixata kaleessaa Rooyitarsiif kan himaniiru. Kunis erga humnoonni mormitootaa hidhatan prezidaant Bashar al-Asad kuffisanii booda.

Kuufamni lammiilee Siiriyaa baankota Siiriyaa hojiirra jiran keessatti qaban nageenya akka qabu Baankiin Giddugaleessaa Siiriyaa kanaan dura barreeffama Feesbuukii irratti baaseen ibseera.

Kun kanaan osoo jiru Waraanni Libaanos akka jedhetti Wiixata kaleessaa haleellaa Israa’el kibba biyyattii keessatti konkolaataa irratti raawwateen namni tokko du’uu fi loltoonni afur madaa’uu isaanii ibsuun, dhukaasa dhaabuu dadhabaan Hizbullaah fi Israa’el gidduutti Sadaasa 27 hojiirra ooleera.

Kun kanaan osoo jiru ergamaan Doonaald Tiraamp Baha Giddu Galeessaa Wiixata kaleessaa daawwannaa naannichaa irratti taasisaniin, namoonni booji’amtoonni Gaazaatti qabaman osoo eebbi pirezidaantiin filatamoo Ameerikaa hin geggeeffamne hin gadhiifaman taanaan “guyyaa bareedaa hin ta’u” jechuun akeekkachiisaniiru.

Bulchiinsi Tiraamp yeroo jalqabu ejjennoo kana sirnaan kan fudhatan Isteev Witkoof, Traamp Amajjii 20 aangoo qabachuu isaanii dura garee hidhattoota Falasxiin Hamaas fi Israa’el gidduutti Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu abdachuu fi kadhachuu isaanii dubbataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version