Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caasaaleen Bilxiginnaa Godina Wallootti jiraattota Aanaa Harxummaa Fursee irraa gara Aanaa Dawwee Harawaatti galan maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun hidhuu fi reebuu yoo jabeessan, lagaan qoodaniis jiraattota naannichaa irratti duulchisuun qe’ee irraa buqqisiisan

ONM-ABO Muddee 11, 2024 

Uummanni aanaa Harxummaa Fursee fi aanaa Dawwee Harawaa waggoota baay’eedhaaf uummata jaalalaa fi kabajaan gamaa fi gamanaa walitti ce’ee gaddaa fi gammachuu waliin qooddataa as ga’eedha.

Haa ta’u malee sirni kutaa fi lagaan Oromoo qoqqoodee tokkummaan sabichaa akka hin jiraanneef ifaaju Bilxiginnaan, tibba kana Sadaasa 28, 2024 irraa eegaluun bifa adda ta’een jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galuun waggoota 2’f hawaasichaa waliin nagaan jiraachaa turan hawaasa naannichaa irratti kakaasuun yoo buqqisiisan, warroota hafan ammoo maatii qabsaa’otaati ittiin jechuun reebuu fi hidhuu itti fufan.

Muddee 9, 2024 jiraattota aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galan keessaa tokko kan ta’e abbaa ijoollee 5 Obbo Umar Qajjiisee nama jedhamu ganda Manduuboo kan jiraatu milishoonni sirnichaa iddoo ooyiruu isaa dhaquun itti marsanii maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun sobaan yakkanii reebicha ulfaataa irraan ga’uun konkolaataa keessa buusanii deemuu fi yeroo ammaa eessaan akka ga’anis hin baramin jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Akka jiraattotni gandichaa dabaluun himanitti, jiraattotni baay’inaan aanaa Harxummaa Fursee irraa Dawwee Harawaatti galan kun ooyiruu namootaa qixxee fuudhuun kan qotanii fi cilee dha’uun maatii isaanii kan jireessan ta’uu himuun, murni PP ammoo dabballoota isaa gandichatti bobbaasuun jiraattota aanichaan warreen kun nuuf hin tolan nurraa haa ka’an jedhaa mormii kaasaa jedhanii dirqamsiisuun akka buqqisan yoo taasisan warroota hafan ammoo maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun hidhuu fi reebuu ifoomsaniiru.

Exit mobile version